Muumeen Ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyii Ahmad Paarkii Indastirii Eebbissan.

    Baasii Doolaara Ameerikaa Miiliyoona 150 kan ijaarame Paarkii Indastirii Dirree Dhawaa kan arra Eebbifame kana Muumicha Ministeera Itiyoophiyaa waliin kan Ebbisiisan Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ; Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahamadii ; Hooganaa Waajira Paartii Badhaadhina Itiyoophiyaa Obbo Binaalif Anduwaalam fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Ahma Buuhii fi Geggeesota ol’aanoo bulchiinsaa waliin sirna Eebba Paarkichaa raawataniiru.
    Pasrkiin Indastirii Dirree Dhawaa kan Lafa Heektaara 150 irratti ijaarame kun carraa hojii namoita kum tokkoo oliin kan banu taachaa fi guutumaan guututti yeroo hojii jalqabu Carraa hojii lammiilee kum 20 oliif kan banu taachaas beekuun danda’ameera.