Araddoottan Magaalaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti roga dame hojiiwan gara garaattiin Hojii Misooma Naannoo damee adda addaa Hirmaannaan Ummataattiin hojjachuuf haala dandeesisu irratti bakka bu’uuta qaamolee hawaasa gara garaa irraa walitti babahanii waliin mariin geggeefamaati jira.
Daayireektoreettiin Ejansii Misoomaa fi Hirmaannaa Ummataa Dirree Dhawaa Obbo Gonfaa Moosisaa Wal-tajjicha irratti akka jedhanitti Mootummaa fedhii misooma Tokkoon tokkoo Namootanii guutuudhaaf dandeettii fi dinagdeeniis waan hin dandeenyeef hawaasni qindoomee hojiiwan Misoomaa Naannawa isaanii irratti hirmaachuu fi Abbummaaniis eeguu qabuu jedhan.


