Gareen Ambaasaadaroota kan haawan 22 hamate qaamolee hawaasa gara garaa waliin mari’ate

    Bulchiinsa Mootummaa Naannolee Biyya teenyaa 9 fi Bulchiinsa Magaalota 2 irraa kan walitti babahan Gareen Ambaasaadaroota kan haawan 22 hamate Bulchiinsa Dirree Dhawaatti qaamolee hawaasa gara garaa waliin marii taasisan.

    Gareen kun imala nageenya deebisuu kaayyeefachuudhaanBulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti taasiseen yeroo gara bulchiinsaatti seenan irraa jalqabee simannaan addaa fi hawataa ta’e hawaasaa fi Bulchiinsa Dirree Dhawaattiin kan taasifameef yoo ta’u turtii guyyoottaafiis Dirree Dhawaatti taasiseera.

    Gareen Ambaasaadaroota kan haawan 22 hamate Bulchiinsa Dirree Dhawaatti qaamolee hawaasa gara garaa jechuuniis Abbootii Gadaa , Ugaazota , Manguddoottan Biyyaa , Abbootii Amantaa , hawaasni Yuunivarsiti Dirree Dhawaa waliin marii geggeessan irratti

    marii geggeefame irratti Aadaa fi Duudhaa waggoottan dheeraaf hawaasni Biyya teenyaa kan kanneen Amantaawan gara garaa qabaachuun sabaa sab-lammootaa fi Ummatootni Biyyattii tokkummaan wal-danda’anii fi wal-jaalatanii nageenyaan ittiin jiraachaa turan eegachuun wal-dhabii fi hookaroota keessaa bahanii haala ittiin jiraachuu qaban irratti marii taasisaniiru.

    Leave a Reply

    Your email address will not be published. Required fields are marked *