Bulchiinsa Dirree Dhawaa Araddaa 02tti wal-dhabbiin Ganda lama jidduutti Uumamee ture kan ganda lamaan jechuuniis Ganda Tasfaa fi Ganda Masqalanyaa irraa Dargaggootni walitti babahan kan irratti hirmaattan Koonfiransii marii Araaraa geggeefameen walitti Araaramuudhaan xumurame.
Dilbata Caamsaa 11 bara 2011tti Koonfiransii marii Araaraa kun Mana Barnootaa Saabiyaan Sadarkaa 2ffaa Koonfiransii marii geggeefame irratti Dargaggootni Ganda lamaan irraa walitti babahan marii kana irratti hirmaataniiru.


