Duudhaawan Dirree Dhawaa Ijoo itti-fufsiisuuf wal-tajjiin marii boru ni geggeefam

    Aadaa fi Duudhaawan Dirreen Dhawaa ittiin beekamtuu fi ittiiniis ibsamtu wal-
    tajjiin marii rakkoolee karaa Aadaattiin hiikuudhaa Ganama boruu jechuuniis
    Hagayya 4 bara 2011 Dirree Dhawaatti geggeessuuf kurfiin haal-duree
    goolabamuun ibsame.

    wal-tajjiin marii kan Muka Jala jedhamuun moggaafame kana Biiroon Dhimma
    Komunikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Moodeelistii yaada kana
    Maddisiiste Moodeelisti Fatiyaa Mahamadii waliin kurfiin haal-duree goolabamuu
    ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin addeessaniiru.
    wal-tajjiin marii rakkoolee karaa Aadaattiin hiikuudhaa Ganama boruu Hagayya 4
    Paarkii Bar-kumee Dirree Dhawaatti geggeefamu kana irratti bakka buutonni
    qaamolee hawaasa gara garaa kan jiraatota Dirree Dhawaa ni hirmaatu jedhameeti
    eegama.