Birrii Biiliyoona 2,834, 440,000 Bajata Bulchiinsa Dirree Dhawaa ta’uun ragga’eera.

    Manni Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa yaa’ii Idilee 42 ffaa wixinee Bajata
    Bulchiinsaa kan bara 2012 dhiyaate Birrii Biiliyoona 2 fi Miiliyoona 834 fi kum
    440 raggaasisuudhaa fi Adde Kariimaa Alii Hoogantuu Biiroo Dhimma
    Daa’immanii fi Dubartootaa taasisee muudeera.

    Manni Marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa yaa’ii Idilee 42 ffaa guyyoottan lamaaf
    geggesseen Bara bajataa kanatti dhaabilee Raawachiiftota rakkoolee Bulchiinsa
    Gaarii furuu irratti xiyyeefachuudhaan hojii hawaasa fayyadamaa taasisu
    qabatamaa akka raawachuu qabaniis kallattii hojii kaa’eera.