Geggeesotaa fi Ogeeyota Dirree Dhawaaf leenjiin Sagantaa fi Tarsiimoo Misoomaa Magaalaa irratti laatame

    Bulchiinsi Dirree Dhawaa fi Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii
    waliin ta’uudhaan Manneenii waliin dhimmoottan ijoo kan Sagantaa fi Tarsiimoo
    Misooma Magaalaa irratti leenjii hubannoo uumuu guyyoottan 15 laatame.
    leenjii hubannoo uumuu kan Yuunivarsitii Haroo Maayaatti kenname kana irratti
    Geggeesotaa fi Ogeeyotni dhaabilee Bulchiinsi Dirree Dhawaa irraa walitti
    babahan kan hirmaattaniiru.

    Sagantaa goolabii leenjii kanaa irratti Itti-Aanaa Kantibaa Bulchiinsa Obbo Ahmad
    Buuh haasawa taasisaniin akka jedhanitti Geggeesotaa fi Ogeeyotni leenjii
    hubannoo kana irratti hirmaattan Dandeettii , beekumsa fi Ga’uumsaan Sagantaa fi
    Tarsiimoo Misooma Magaalaan fayyadamtummaa hawaasaa mirkaneessuu irratti
    rakkoo ilaalcha kiraasasaabdummaa irratti qabsaa’uun bu’aa ol’aanaan akka
    galmaa’u kan dandeesisan taachaas addeessaniiru.
    Hirmaatonni leenjii hubannoo gama isaaniin hubannoon argatan hojii fooy’aa
    Sagantaa fi Tarsiimoo Misooma Magaalaa irratti hojjachuuf kan isaan dandeesisu
    taachaa himan