Lafa Invastimatiif laatamee osoo misoomin ture waggoottan dheeraaf ture Heektaarri 103 deebifamuun ibsame

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Waggoottan baay’ee dura Invastimatiif laatamee osoo hin
    misoomin ture waggoottan dheeraaf kan ture Lafa Heektaarri 103 ga’u kan gara Baankii Lafaatti

    deebifamuun ibsame.
    Hooganaan Biiroo Bulchiinsa Misooma Lafaa fi Maanaajimantii Dr. Daraaraa Huuqaa
    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti weerara lafaa kan Seeraan Alaa fi Abboottii Qabeenyaa kan Lafa
    Invastimatiif fudhatanii waggoottan baay’eef osooniifi hin Misoomsin turan irraa Bulchiinsi
    Lafa Heektaara 103 ga’u kan gara Baankii Lafaatti deebise ilaalchisuun ibsa gaazexeesitootaaf
    laataniin akka jedhanitti weerara lafaa kan Seeraan Alaa fi Abboottii Qabeenyaa kan Lafa
    Invastimatiif fudhatanii waggoottan baay’eef osooniifi hin Misoomsin turan irratti dhawaata
    dhawaataan tarkaanfiin kan fudhachuun itti fufu taachaas addeesanii kanaafiis hawaasni
    bulchiinsaa akka tumsu waamicha dabarsaniiru.
    Lafa Heektaara 103 ga’u kan gara Baankii Lafaatti deebifame kun Araddoottan Magaalaa Dirree
    Dhawaatti kan argaman iddoowan shan taachaas addeessaniiru.