Dhibeen chikunyiginiyaa ittisuu fi to’achuuf hojjatamaa jiraachuun ibsame

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Torban muraasaan asitti kan mudatee fi hawaasa lakkoofsa ol’aanaa
    kan miidhaa irraan ga’aa kan jiru balaa dhibee chikunyiginiyaa ittisuu fi to’achuuf Biiroo
    Eegumsa Fayyaa fi Dhaabileen Fayyaa kan Bulchiinsa Dirree Dhawaa tumsaa jiraachuu
    Hooganaan Biiroon Dhimma Komunikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo
    Isqiyaas Taafasaa ibsan.

    Hooganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Dr. Fu’ad Kadiir ibsa gaazexeesitootaaf laataniin akka
    jedhanitti hawaasni bishaan kuufamaa of-irraa balleessuu fi uffata harka guutuu uffachuun of-
    eeguu akka qabuus dhaaman. balaa dhibee chikunyiginiyaa kan Bulchiinsa Dirree Dhawaatti
    yeroo jalqabaaf mudatee fi hawaasa lakkoofsa ol’aanaa kan miidhaa irraan ga’aa kan jiru
    ilaalchisuudhaan ibsa gaazexeesitootaaf laataniin akka jedhanitti balaa dhibee chikunyiginiyaa
    ittisuu fi to’achuuf hawaasni Naannoo jireenya isaatti koosiiwan Bookeen Busaa irratti wal-horaa
    jiraachuu dandeessuu , bishaan kuufame , of-irraa balleessuu akkasumaas meeshaalee bishaan itti
    kuufata cuqaalachuudhaanii fi uffata harka guutuu uffachuun of-eeguu akka qabu jedhanii
    namootni yeroo dhukkubsataniis saffisaan gara Dhaabileen Fayyaa deemuun akka yaalamaniis
    dhaaman.