Guyyaan Daa’imman Idil-Adunyaa Sadaasni 11 Dirree Dhawaatti kabajame

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Qopheessummaa Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immaniin Ganama har’aa jechuuniis Sadaasa 11 “ Daa’imman keenya kanaan Bara Hegeree keenya haa mil’annuu ”  dhaadannoo jedhuun Guyyaan Daa’imman Idil-Adunyaa Sadaasni 11 qophiiwan gara garaattiin kabajame.

     

    Sagantaa qophii kana irratti argamuun haasawa baniinsaa kan taasisan Hoogantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Adde Kariimaa Alii akka jedhanitti Nuti Dubartootni dandeetii fi kennaa uumamaa kan haadhumaa keenyatti gargaaramnee Maatii , Naannawa , Bulchiinsa keenya Dirree Dhawaa fi akkasumaas Biyya teenya Itiyoophiyaatti Nageenyaa fi Dimokraasiin akka siranuuf wal-dhabiiwan ittisuuf shoora gama keenyaa bahachuu qabna jedhan.

    Wal-tajii kana irratti barreefamni qorannoo , ergaawan guyyaa Guyyaan Daa’imman Idil-Adunyaa kanaan wal-qabatan kan darban yoo ta’u wal-tajjicha irratti daa’imman manneen barnootaa gara garaa irraa walitti babahanii fi qaamoleen ga’ees hirmaataniiru.