Geggeesota Hojii kan Sadarkaa Ol’aanoo Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Kilaastaraan Misooma Koorporeeshinii Indastirii irratti Leenjii Hubannoo gabbisuuf laatame Carraa Hojii Uumuudhaaf kutannoon Geggeesotaa murteessaa taachaan ibsameera.
Daayireektarii Ijoon Ejansii Misooma Intarpiraayizii Maanufaakchariingii Gad-aanaa fi Jiddu-galeessaa Federaalaa kan ta’an Obbo Asfaawu Ababaa Leenjii Hubannoo gabbisuuf laatame kana irratti akka ibsanitti Milkaa’ina Carraa Hojii Uumuuf kutannoon Geggeesotaa murteessaadha jedhan.
Federaalaa irraa Bajatni Carraa Hojii Uumuuf gad-lakkifamu hojii birootiif akka osooniifi hin oolle kaayyoo qabameef akka oolu geggeesotni deegarsaa hordoffii taasisan cimsuu akka qaban eeraniiru.
Hirmaatonni leenjichaa yaada laataniin akka eeranitti kutannoon Geggeesotaa akka mul’atu eeruudhaan kanaan booda Bulchiinsatti Carraa Hojii Uumuudhaaf adda durummaan akka hojjataniifi gamoowan ijaaramuun dhaabatanii jiran maashinoota gara garaa itti kaa’uudhaan carraan hojii akka irratti uumamuus addaassaniiru.
Sadarkaa Itti-Aanaa Kantiibaa Bulchiinsaa Obbo Ahmad Buuh Hirmaatota leenjichaaf ergaa dabarsaniin akka jedhanitti Abbootii qabeenyaa Bulchiinsatti hojiitti galanii hojjachaa jiran deegaruudhaan carraan hojii akka bal’inaan uumamu taasisuun cinatti geggeesotni Daballee Misoomawoo ta’uudhaan Lammiiwaniif carraan hojii bal’inaan akka uumamu shoora irraa eegamu gumaachuu akka qabaniis dhaamaniiru.


