Odeefannoo Sirraawaa fi si’aawaan hariiroo Ummataa fi Mootummaa cimsuuf shoora isaanii bahachuu qabu

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojjatoonni kutaa sab-qunnamtii Odeefannoo Sirraawaa fi si’aawaan kennuun hariiroo Ummataa fi Mootummaa cimsuu irratti shoora isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban ibsame.

     

    Biiroon dhimma Komunikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa hojjatoota damee sab-qunnamtii kan Araddoottan Magaalaa Bulchiinsaa fi dhaabilee Sektarootaa irraa walitti babahaniif wal-tajjii gama gammii fi leenjii kenname irratti qorannoo haala qabatamaa raawii hojii damee sab-qunnamtii dhaabilee dhiyaate irratti hanqinootni jiranii  fi ciminootni jiran dhiyaatee mariin irratti taasifameera.

    Kana malees kallatiin hojii kan damee sab-qunnamtii irratti barruun dhiyaatee mariin irratti geggeefameera.