Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Oomisha Qonna baranaa jechuuniis Oomisha bara 2011-12 kan yeroo ammaa sassaabamaa jiruun sirnaan walitti sassaabuuf hojjatamaa akka jiruu fi hoomaan awaanisaa bulchiinsatti mudate miidhaa Oomisha Qonna irraan akka hin ga’inii fi bara kanatti Oomisha Kuntaala Kum dhibba lamaa fi kudha-jaha ni argama jedhamee kan tilmaamame taachaas Hooganaa Itti-Aanaa Biiroo Qonna Bishaan Albuudaa fi Inarjiitti Obbo Umar Ahmad ibsanii Oomishni baranaa kuniis kan bara darbe yeroo wal-fakkaataan yoo wal-bira qabamee ilaalamu akkaan kan caalu taachaas eeraniiru.
Qonnaan bultoonni haasofsine tokko tokkoos yaada nuuf laataniin akka jedhanitti Oomishni yeroo ammaa sadarkaa gaarii irratti kan argamuu fi rooba yeroo malee roobuun akka hin banneef xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuus eeraniiru.


