Tajaajjilli Tola-Ooltummaa ibsituu jaalala Biyyaa taachaan ibsame

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojii tola-ooltummaa kan ji’oottan gannaa geggeefamaa ture har’a kurfiiwan beekamtii fi galataa dabalatee haala miidhagaa ta’een goolabameera.

    Wal-tajjii goolabbii hojii tola-ooltummaa kan ji’oottan Gannaa kan ganama kana geggeefamee irratti hojii ol’aanaa kanneen galmeessaniif badhaasaa fi beekamtiin kan laatame yoo ta’u.

     

    hojii tola-ooltummaa kan ji’oottan Gannaa  geggeefamaa tureen Dargaggootni Araddoottan Magaalaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa 9 fi Araddoottan Baadiyaa 38 roga hojiiwan gara garaan laataaniiru

    Hojii tola-ooltummaa kan ji’oottan Gannaa  geggeefamaa tureen qaamoleen hawaasa gara garaa roga diinagdee fi hawaasummaan bu’aa akka argatan gochuun kan danda’ame taachaa fi kuniis ji’oottan bonaa kanattiis cimee kan itti fufu taachaa Koomishinariin Koomishinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Aanaa Umar haasawa sagantaa tana iratti taasisaniin kan ibsan yoo ta’u wal-tajjii kana irratti Hoogantoonni ol’aanoon Bulchiinsaa Hooganaan Biiroo Fayyaa Dr. Fu’aad Kadiir , Hoogantuun Biiroo Barnootaa Adde Muluukaa Mahamad fi Hoogantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immannii Adde Kariimaa Alii dabalatee hoogantoonni sadarkaa gara garaa fi qaamoleen waamichi taasifameef argamuun ergaa dabarsaniiru.