Dubartoonni Beekumsaa fi Malaan Ga’uumsa qabaniitti fayyadamuun jijjiirama ceesisuu akka qaban ibsame

    Dubartoota Hojjatoota Dhaabilee Sektaroota Bulchiinsa Dirree Dhawaatti sadarkaa
    Geggeesummaa Gareewaniin hojjachaa kanneen jiraniif leenjii Hubannoo gabbisuu laatamaa jiru

    irratti Dubartoonni Beekumsaa fi Malaan Ga’uumsa qabaniitti fayyadamuun jijjiirama ceesisuu
    akka qaban ibsameera.
    Murtee kennummaa Dubartootaa ol-guddisuun misoomaa fi geggeessumaa Siyaasaa Biyya
    teenyaa keessatti shoora dubartootaa guddisuuf wal-tajjii leenjii hubannoo gabbisuu kan
    qopheessummaa Dhaabata Inistituutii Kaayizanii Bulchiinsaattin leenjii kennamaati jira.
    Wal-tajjii leenjii hubannoo gabbisuu kana irratti leenjicha kan laachaa jiran Adde Su’aad
    Mahamad akka addeessanitti dur irraa jalqabee akka Idil-Adunyaattiis ta’ee Dubartoonni kennaa
    Uumamaan Beekumsaa fi Malaan Ga’uumsa ol’aanaa qabaachuu fi kanaas dhimma

    Hawaasummaa fi Dinagdee keessaatti haalaan gumaachaa jiraachuu shoora isaanii kana gara
    geggeessummaa Siyaasaaniis akka gumaachan gochuuf leenjii hubannoo gabbisuu kun
    yaadamee kan qophaa’e taachaa fi Dubartootni ilaalcha duubatti hafaa kan shoora dubartootaa
    xiqqeessaniif osoonii fi hin jilbiifanne ga’uumsaa fi dandeettii qabaniin jijjiirama Biyya teenyatti
    jalqabame gara sadarkaa ol’aanaatti ceesisuudhaan roga maraan hirmaanaa fi irraa
    fayyadamtummaa Dubartootaa daran guddisuuf xiyyeefannoon hojjachuu akka qabaniis
    addeessaniiru.