Dirree Dhawaa Maqaa Oomisha Kudraa fi Mudraa qabaachaa turtetti deebisuuf hojjatamaati jira

    Abbaan Taayitaa Naannoo Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensa Uumamaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa
    Mala ykn tooftaawan Biqiltoota shanyii fooyya’oo Kudraa fi Mudraa ittiin Biqilchan irratti
    qaamolee Mootummaa fi Miti-Mootummaa hojii Biqiltoota Biqilchuu irratti bobba’anii jiraniif
    leenjii Hubannoo gabbisuu laate irratti haasawa kan taasisan Hoji-Geggeessaan Abbaan Taayitaa
    Naannoo Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensa Uumamaa Dirree Dhawaa Obbo Abduu Mahamad akka
    ibsanitti Dirreen Dhawaa Oomisha Kudraa fi Mudraattiin sadarkaa gaarii qabaachaa turtetti
    deebisuuf xiyyiiffannoo ol’aanaan hojjatamaa jiraachuu addeessan.

    Biqiltootni rakkoo hamaa yeroo ammaa akka Adunyaa , akka Biyyaa fi akka Bulchiinsa Dirree
    Dhawaattiis nu mudatee jiru kan faalama qilleensaa akkaan hammaachaa jiru kana hir’isuuf
    ga’een qaban ol’aanaa waan ta’eef Biqiltoota Kudraa fi Mudraa kan faalama qilleensaa
    hir’isuufiis ta’ee Oomishaan bu’aa dachaa qaban bal’inaan biqilchanii raabsuudhaan hawaasni
    biqiltoota kanneen haala salphaatti iddoo jireenyaa ykn Mooraa isaatti Oomishee akka irraa
    fayyadamuuf hojjatamaa jiraachuus Obbo Abduun eeraniiru.
    Wal-tajjii leenjii hubannoo gabbisuu Mala ykn tooftaawan Biqiltoota shanyii fooyya’oo Kudraa
    fi Mudraa ittiin Biqilchan irratti laatame irratti Araddoottan Magaalaa fi Baadiyaatti qaamolee
    Mootummaa fi Miti-Mootummaa hojii Biqiltoota Biqilchuu irratti bobba’anii argaman irratti
    hirmaataniiru.
    Hirmaatotni leenjichaas yaada nuuf laataniin leenjiin argattan kun Dirreen Dhawaa Oomisha
    Kudraa fi Mudraattiin sadarkaa gaarii qabaachaa turteen olitti Oomisha Kudraa fi Mudraa
    baay’inaa fi qulqullinaan Oomishuudhaaf kan dandeessisu taachaa himaniiru.