Biyyi teenya Mirga Itti-fayyadama Hidha Guddichaa dabarsitee akka hin laanne beeksifte

    Biyyi teenya Itiyoophiyaan mirga itti fayyadama Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa
    biyyoota ollaa otoo hin miidhiinii fi waliigalteewwan biyyooleessa kabajuun
    fayyadamuuf mirga qabdu dabarsitee akka hin kennine Mootummaan beeksise.
    Sadarkaafa adeemsa akkasumas haala waliigaltee ijaarsa hidhichaa ilaalchisee Waajjira
    Ministira Muummeetti ibsi kennameera.

    Itiyoophiyaan hidhicha ijaaruuf mirga guutuu akka qabduuf kadhaa balbala biyya biraa
    kan ishee gaafatu miti jedhaniiru Ministirri Dhimma Alaa Obbo Gadduu Andargaachoo.
    Hidhichi kan ijaaramaa jiru Itiyoophiyaa keessatti, laga Itoophiyaatiin, mootummaafi
    ummata Itoophiyaatiin ta'uu dubbataniiru.
    Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisiifi Inarjii Dr. Injinar Silashii Baqqalaa gamasaaniin,
    Itiyoophiyaan dhiyeessi boba'aafi teknolojii bal'aa waan hin qabneef qabeenya
    umamaasheetti fayyadamuun dirqama ta'a jedhaniiru.
    Kanaaf yeroo amma hidhicha si'aayinaa fooyya'atiin hojjetamaa jiraachuusaa himanii,
    kanaafis kontiraktaroota muuxannoo qaban ramadamanii hojjechaa akka jiran
    Ministirichi eeraniiru.OBN