Qabeenya Uumamaa kunuunsaa eeguun murteessaa taachaan ibsame

    Dinagdee Misooma Magariisaa Biyyi teenya Itiyoophiyaan jalqabde galmaan ga’uuf
    Qabeenya Uumamaa kunuunsaa eeguun Hojii sadarkaa ol’aanaadhaan barbaachisuu fi
    murteessaa ta’eedha jechuun Hooganaan Biiroon Qonna Bishaan Albuudaa fi Inarjii
    Obbo Ibraahim Yuusuf ibsan.

    Qindeessummaa Biiroon Qonna Bishaan Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsaa Ministeera
    Bishaan Masnoo fi Inarjii Federaalaa waliin sochii misooma magariisaa akka biyyaatti
    raawatamaa jiru daran milkeessuuf wal-tajjii marii gamtaa qophoofte irratti Obbo
    Ibraahim Yuusuf akka ibsanitti Dinagdee Misooma Magariisaa Biyyi teenya
    Itiyoophiyaan jalqabdeef Utubaan Qabeenya Uumamaa waan ta’eef hojiin Qabeenya
    Uumamaa kunuunsaa eeguun Hojii sadarkaa ol’aanaadhaan barbaachisuu fi murteessaa
    ta’eedha jedhan.
    wal-tajjii marii gamtaa qophoofte kana irratti Naannolee Biyyaa Teenyaa Hundaa fi
    Bulchiinsa Magaalotaa irraa qaamoleen dhufan irratti hirmaataniiru.