Qopheessummaa Dirree Dhawaattiin magaalaa teenya tan burqaa jaalalaa Dirree Dhawaatti Guyyaan Ayyaana Sabaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa yeroo 16ffaan haala miidhagaa fi hawataa ta’een naga’aan kabajamee xumuramuu isaattiin gammadeeraa Baga gammaddan!
Milkaa’inni kun bu’aa Sabdaneessummaan tattaaffii baay’ee keessaniin kan argame waan ta’eef gammadeeraa Baga gammaddan!
Milkaa’ina kanaaf ittigaafatamummaa keessan kan bahattan Miseensonni Humna Raayyaa Ittisa Biyyaa, Miseensonni Poolisii Federaalaa, Miseensonni Poolisii fi Poolisii Tiraafikaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Hawaasni Konkolaachiftootaa, Jaarmayoonni Dargaggootaa, dhaabilee Sektarootaa fi Araddoota Bulchiinsaatti Geggeesotaa fi Hojjatoonni sadarkaa gara garaa Hawaasa nageenya jaalataa jiraatota magaalaa teenyaa martii fi walumaagalatti qaamoleen osoon maqaa hin dhawin hundi keessan kabajaan isinitti xiqaata, yoomittuu akkaaniin isin kabajaa Galatoomaa bulaa horaa!


