Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Ayyana hundeeffama ODP waggaa 29 haala miidhagaa fi addaan sagantaawan gara garaan kabajuuf kurfiin haal-duree xumuramaa jiraachuu Itti Gaafatamaan WODP kan damee Dirree Dhawaa Obbo Abduljawaad Mahamad kurfii Guyyaa Ayyana hundeeffama ODP waggaa 29 baranaa ilaalchisuun ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin ibsaniiru.
Obbo Abduljawaad Guyyaa Ayyana hundeeffama ODP waggaa 29 baranaa yeroo dhaabni keenya mogaasa maqaa isaa fi kaayyoo isaa jijjiiratetti , qabsoo Ummatni keenya bal’aa fi dhaabni keenya geggeesseen injifannoo gama Siyaasaan gonfannee kanaaniis jijjiirama qabatamaa yeroo itti galmeessuu jalqabnee roga Dinagdee fi Hawaasummaaniis injifannoowan Ummata keenyaa fi sabaa sablamoota fayyadamoo godhan galmeessuuf yeroo itti kutannoon kaanetti kan kabajamu taachaan Ayyaana hundeeffama waggaa 29 bara kanaa waan adda taasisu keessaahi jedhan .
Ayyaana ODP yeroo kabajnu Ayyaana Ummata Oromoo maraati , Ayyaana jijjiirama akka biyyaatti galmeessaa jiruuf bu’ura ta’e taachaa fi injifannoo caalmaaf Ummatni Oromoo marti tokkummaa keenya eegannee ilaa fi ilaameen wal-dhaga’uun yeroo qindoominaan itti hojjachuuf kaanuudha jedhan.
Obbo Abduljawaad itti-dabaluuniis Qormaata Jijjiirama gufachiisuuf taasifamuuf osooniifi hin jilbiifanne jijjiirama kana gara sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf nu Ummata Oromoo maraati dhaabaa fi kaayyoo Siyaasaan gara gara taanullee tokkummaa Ummata keenyaa daran cimsuu fi qabsoo Ummatni keenya bal’aa fi dhaabni keenya geggeesseen injifannoo gama Siyaasaan gonfannee eegsifnee gara sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf kan ittiin tokkumaan kaanu jedhan.


