waggaa 29ffaan Guyyaa Ayyaana hundeffama ODP kurfii gara garaan kabajamuu jalqabe

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti waggaa 29ffaan Guyyaa Ayyaana hundeffama ODP kan dhaadannoo “Ilaa fi Ilaameen Milkaa”ina Egereetiif!” jedhuun bulchiinsa Araddaa 08 tti dargaggootni kaka’uumsa ofii isaaniin manneen maatii harka qalleeyyii suphuudhan kabajaniiru .

    Kurfii kana irratti Hoogantuu Biiroo Barnootaa kan taate Adde Muluukaa Mahamad haasawa taasisaniin Akka jedhanitti Ayyaana hundeffama ODP kan waggaa 29 bara kanaa haala addaan hojiiwan ittiin kabajuuf kaane keessaa tokko hojii misoomaa kan Manneen matii harka qalleeyii suphuudhaan yoo ta’u hojii Arra Araddaa 08 tti dargaggootni jalqaban kana hanga dhuma ji’a kanaatti Araddaa hundatti raawachuuf hojjatamaa jiraachuus addeessaniiru.
    Hojii kana irratti Qindeessaa foollee fi Qeerroo kan ta’uun kan hojjachaa jiru Dargaggoo Ibsaa Umar yaada nuuf laataniin akka jedhanitti nuti dargaggootni rakkoo hawaasa keenya irra jiru irratti wal-mari’achuudhaan gara hojii kanaatti akka galan kan nuuf ibsan Dargaggoo Ibsaa Umar himan .
    Araddaa 08 tti Qindeessa Dargaggootaa fi Ispoortii kan ta’an Obbo Abdii Ibroo gama isaanii deegarsa hojii mana maatii harka qalleeyiif godhan kana cimee kan ittifufuudha jedhan.

    Leave a Reply

    Your email address will not be published. Required fields are marked *