Koreen Hooganaan Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Obbo Sulxaan Aliyyiin duurfame haala Qabiinsaa fi Itti-fayyadamiinsa Qabeenya Mootummaa ilaalchisuudhaan daawannaa hojii kan dhaabilee Bulchiinsaatti geggeesan.
Koreen kun Bulchiinsa Dirree Dhawaatti dhaabileen mootummaa Qabiinsaa fi Itti-fayyadamiinsa Qabeenya Mootummaa fooyessuu akka qaban Hooganaan Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Obbo Sulxaan Aliyyii ibsan.
Obbo Sulxaan kana kan ibsan haala Qabiinsaa fi Itti-fayyadamiinsa Qabeenya Mootummaa ilaalchisuudhaan daawannaa hojii kan dhaabilee Bulchiinsaatti erga taasisaniin booda dhaabileen Qabiinsaa fi Itti-fayyadamiinsa Qabeenya fooyessuu qabu jedhan.
Koreen kun dhaabilee Bulchiinsaa kan daawannaa Qabiinsaa fi Itti-fayyadamiinsa Qabeenya Mootummaa irratti taasise keessaa Koolejiin Leenjii Barnoota Ogummaa kan Dirree Dhawaattii fi Biiroo Qonna , Bishaan , Albuudaa fi Inarjii kan daawate dhaabileen kanneen meeshaalee tajaajila laachuu dhaabanii taa’a adda foo’anii akka qulqulleessuu irratti xiyyeefannoon hojjachuu akka qabaniis marii geggeesota dhaabilee waliin taasisaniin addeesaniiru.


