Waldayni Diyaasporaa Dirree Dhawaa kun Deegarsa meeshaalee Barnootaa Bulchiinsatti laate kun Dabtara kum 2 fi dhibba tokkoon ol , Qalama kum 1fi dhibba lamaan ol akkasumaas haaqxuu 745 ol Itti-Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Mahamad Buuh fi Hoogantuu Biiroo Barnoota Bulchiinsaa Adde Muluukaa Mahamadiif laataniiru .
Sirna kenniinsa Deegarsa meeshaalee Barnootaa kana irratti haasawa kan taasisan Itti-Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Mahamad akka jedhanitti hundi keenya qindoofnee tokko ta’uun daa’iman rakkoof saaxilamanii jiran yooniifi deegarre daa’imman marti akka baratan gochuuf ga’een qabu ol’aanaadha jedhanii hunduu deegarsa kana waan danda’uun akka taasisuuf waamicha dhiheessanii Barri Haarofni bara gamachuu , kanbadhaadhinaa fi kan nageenyaa Hawaasa Bulchiinsa keenyaa fi Ummata Biyya teenyaa akka ta’u ergaa baga ittiin isin ga’ee fi hawii isaaniis dhiheessaniiru.
Wal-tajjicha irratti Hoogantuu Biiroo Barnoota Bulchiinsaa Adde Muluukaa Mahamad gama isaaniin rakkoo gara garaan daa’imman baa’een barnoota keessattuu kan sadarkaa jalqabaa addaan kutaa jiraachuu fi kana oolchuuf deegarsi akkanaa kun ga’ee ol’aanaa qabaachuu eeranii hunduu waan danda’uun deegarsa lammummaa daa’imman kanneeniif akka gumaachu waamicha dabarsaniiru.
Bakka buutonni Waldaya Diyaasporaa Dirree Dhawaa gama isaaniin deegarsi meeshaalee barnootaa kana hatatamaan kan taasifameedha jedhanii Mana Kitaabaa tokkoo Birrii Miiliyoona dhibba afuriin ijaarsisuuf kurfii irra jiraachuu isaaniis eeranii deegarsa misensotni Waldaya Diyaasporaa Dirree Dhawaa marti akka taasisaniis kan hojjatan taachaas addessaniiru.


