Guyyaan Turizimii Adunyaa kurfii gara garaan kabajuuf qophiin xumuramuun ibsame

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Guyyaan Turizimii Adunyaa kan sadarkaa Adunyaatti yeroo 40 fi akka Biyya teenyaatti yeroo 23 barana qophii gara garaan kabajauuf xumuramuun ibsame.

     

    Guyyaan Turizimii Adunyaa kun Turizimiin Carraa hojii fi jireenya fooya’aaf dhaadannoo jedhuun Bulchiinsa Dirree Dhawaatti  Fuulbana 17 hanga 20 tti ni kabajama.

    Ayyaana Guyyaan Turizimii Adunyaa kana ilaalchisuudhaan ganama har’aa jechuuniis Fuulbana 16 Ministeer Deetaan Damee Turizimii Federaalaa Adde Buzeenaa Alkadiir fi Itti-gaafatamaan Waajira Aadaa fi Turizimii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Muraad Badaawii gamtaan ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin kurfiin xumuramuu ibsaniiru.