Dargaggootni Amantaa gara garaa Dirree Ayyaanni Daamaraa itti-kabajamu qulqulleessan

    Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kutaa Araddoottan Magaalaa kanneen gara garaa irraa Daergaggootni walitti babahan kan Hordoftoota Amantaa gara garaa Guyyaa Arraa jechuuniis Fuulbana 15 Guyyaa jala bultii Ayyaanni Daamaraa (Masqalaa) Dirree Ayyaanni Damaraa kun itti kabajamu Dirree Lagahaar qulqulleessaati jiru.

    Booru ayyaanni Daamaraa hordoftoota amantaa Ortodooksii Ityoophiyaa biratti kabajameet oola.
    Ayyaanni Masqalaa ammoo iftaan kabajama. Ayyaanicha jaalalaa fi fannoo Iyyasuus Kiristoos itti fannifame yaadachaa kabajna jedhan.