Rakkoon Wal-dhabbii Uumame kan Amantaa fi Sabaa akka hin ta’in ibsame

    Fuulbana 10 Bulchiinsa Dirree Dhawaa kutaa Magaalaa Ganda Qafiiraa , Dachaatuu fi Amistanyaa jedhamutti kan Uumame rakkoon wal-dhabbii kan Amantaa fi Sabaa akka hin ta’in Bakka Bu’aan Hooganaa Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Mikaa’eel Indaala ibsa Gaazexeesitootaaf laataniin ibsan.

    Obbo Mikaa’eel itti-dabaluuniis rakkoon wal-dhabbii Uumame kanaan wal-qabatee Humni poolisii osoo tasgabbeessuuf yaalii gochaa jiranii qawee dhukaasaniin lubbuun nama tokkoo kan darbe taachaa fi qabeenyi hammi isaan sirriitti hin beekamin rakkoo kanaan wal-qabatee kan barbadaa’e taachaa fi namootni rakkoo kanaan wal-qabatee shakkaman to’annoo Seeraa jala kan Guyyaa fuulbana 2 Namootni to’annoo Seearaa jala oolfaman 32 akkasumaas fuulbana 10 tti Namootni 22 to’annoo Seearaa jala oolfamuus addeessaniiru.
    Gayyaa Ayyaana Bara haara’aatti aanu rakkoon wal-dhabbii kan Dargaggoota bashananaa jiran jidduutti Uumamee ture yoo ta’u guyyaa fuulbana 10 rakkoon haara’atti deebi’uun Uumameera.