Ejansiin Wabiin Fayyaa Itiyoophiyaa Waajira Wabiin Fayyaa kan damee Dirree Dhawaatii waliin ta’uudhaan Ogeeyyii Komunikeeshinii fi Miidiyaalee irraa walitti babahaniif leenjii hubannoo gabbisuu kenname irratti yaada laataniin akka jedhanitti Bu’aawan Wabiin Fayyaa Hawaasaa qaburraa Hawaasni keenya sirriitti beekee akka fayyadamuuf xiyyeefannoo ol’aanaan nihojjannaa jedhan.
Leenjicha irratti maalummaa Tajaajila Wabiin Fayyaa Hawaasaa , Biyyoottan Adunyaa gara garaatti haala ittiin Tajaajilli Wabii Fayyaa hawaasaa kennamuu fi sirna Tajaajilli Wabii Fayyaa hawaasaa Biyya Teenyaa maal akka fakkaatu irratti Ejansiin Wabii Fayyaa Itiyoophiyaatti Daayireektarri Daayireektoreetii Buusii fi Galmee Miseensotaa Obbo Guddataa Ababaa fi Daayireektarri Daayireektoreetii Komunikeeshinii fi Moobilaayizeeshinii Obbo Zamadkun Ababaa barruu qophaa’e dhiyaatee gaaffiwan ka’aniifiis ibsi kennameera.
Leenjii kana irratti Ogeeyyii Komunikeeshinii fi Miidiyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii fi Aanaalee Godina Harargee Bahaa irraa walitti babahaniif leenjiin hubannoo kun kan kenname yoo ta’u hubannoo Hirmaatonni leenjichaas Hubannoo arganne hawaasni keenya akka sirriitti hubatee Tajaajilli Wabiin Fayyaa Hawaasaa bu’aa ofiisaa fi maatii isaaf qabu beekee irraa fayadamoo ta’uuf xiyyeefannon hojjachuuf kan isaan kakaase taachaas addeessaniiru.


