Qaamoleen nageenyaa Naannolee Ollaa bahaa shanan Marii geggeessan.

    Filannoon biyyaaleessaa fi Naannoleetti gaggeeffamu nagaa fi demookiratawaa ta’ee akka xummuramuuf Qaamoleen nageenyaa itti gaafatamummaa isaanii bahuuf qophii ta’uu qaamoleen nageenyaa naannoolee daangaa ollaa Bahaa biyyittii ibsaniiru.
    Qaamoleen nageenya kunniin kutaa biyyaatti Bahaa keessaatti nageenya amansiisaafi walitti fufiinsa qabu uumuuf hojilee hojjetan ciminaan hojjechuuf Magaalaa Dirree Dhawaatti mari’ataniiru.
    Marii geggeefame kana irratti qaamoleen Nageenya kan Oromiyaa , Soomaalee , Hararii , Affaarii fi Bulchiinsa Dirree Dhawaa mari’ataniiru.