Seenaa walitti Hidhamiinsa Dirree Dhawaa fi Indastiriiwanii ture deebisuuf Xiyyeefannaa fi Qindoominaa Hojjatamuu akka qabu ibsame.

    Indastiriiwan jid-galeessaa babal’isuu fi bu’a qabeessummaa isaanii guddisuudhaaf Qaamolee ga’ee Indastirii kan Bulchiinsa Dirree Dhawaatti fi Naannolee Ollaa Baha Itiyoophiyaa irraa walitti babahanii waliin mariin Arra Guraandhala 9 bara 2013 Magaalaa Dirree Dhawaatti geggeefameera.
    Wal-tajjii marii kan Qaamolee ga’ee Indastirii kan Bulchiinsi Dirree Dhawaatti fi Naannolee Ollaa Baha Itiyoophiyaa geggeessan kana irratti haasawa taasisan Afa-Yaa’iin Mana Marii Bulchiinsi Dirree Dhawaa Kabajamtuu Adde Faaxum Musxafaa hirmaatota wal-tajjichaan baga Nagaan dhuftan erga jedhaniin booda Dirree Dhawaatii fi Kutaan Baha Biyya teenya Itiyoophiyaadhaa Indastiriiwanii waliin walitti hidhamiinsa cimaa qabaachuu turuu eeranii yeroo muraasaan asitti walitti Hidhamiinsi ture akka hin jirre ta’uu addeessanii hariiroo walitti hidhamiinsaa ture san deebisuudhaaf qaamoleen ga’ee marti Xiyyeefannaa fi Qindoominaan hojjachuun akka irra jiraatuus ibsan.
    Wal-tajjii marii kan Ejansiin Leenjii fi Barnoota Ogummaa Federaalaa , Abbaan Taayitaa Babal’isa Indastiriiwan Jidu-Galeessaa fi Gad-Aanoo Federaalaa fi Mana Marii Waldayoota Damee kan Biyyaalessa Itiyoophiyaa gamtaan qopheessan kana irratti Dirree Dhawaatii fi Kutaan Baha Biyya teenya Itiyoophiyaadhaa Hariiroo hidhamiinsaa cimaa Indastiriiwanii waliin qabaachaa turan haala ittiin deebisuu danda’amu irratti barruun qorannoo dhiyaatee mariin geggeefamera.
    Marii geggeefame kana irratti Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii , Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Affaar , Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Soomaalee irraa bakka Buutonni qaamoleen ga’ee walitti babahan hirmaataniiru.