Mootummaan Dhiheessa Boba’aan Walqabatee Tarsimoowwan Rakkoolee Mudatanirraa Dandamachiisuu Danda’an Ifoomsuun Ibsame.
Walitti Bu’insa Dhiheenya kana baha giddu- galeessatti mudate hordofuun dhiheessa boba’aarratti rakkoolee mudate dandamachuun akka danda’amutti mootummaan tarsimoolee ifoomsee jiraachuu Biiroon Daldalaa, Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Beeksise. Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Daldalaa Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Amiinoo Xahaa har’a ibsa gaazeexeessotaaf kennaiin rakkoo dhiheenya Biyyoota Giddugala bahaatti sababaa walwaraansa Iraaniifi Izraa’eeliif Ameerkaa…


