Hojiiwan Misooma Hawaasummaa irratti Diyaasporaa akkaan hirmaachisuuf Qindoominaa fi xiyyeefannoon hojjatamuu akka qabu ibsame .

    Qopheessummaa Daayireektoreetii Qindeessa Dhimmoota Diyaasporaa Dirree Dhawaattiin bakka bu’oota dhaabilee Tajaajila Hawaasummaa laachuu irratti boba’an kan Bulchiinsaa waliin marii taasifame irratti haasawa baniinsaa kan taasiste Hoogantuun Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa Adde Muluukaa Mahamad akka jedhanitti Hojiiwan Misooma Hawaasummaa kanneen roga gara garaa irratti hawaasa Diyaasporaa hirmaachisuun guddina hawaasaa saffisiisuuf Biyti teenyaa fi Bulchiinsi keenyaa humna ol’aanaa qabnutti osooniifi hin fayyadamin turuu fi yeroo dhihoo asitti carraa bal’aa argameen akka biyyaatti faayidaan ol’aanaan argamaa jiraachuu eeranii akka Bulchiinsaatti dhaabileen ga’ee Qindoominii fi xiyyeefannoon hojjachuu dhabuu irraa kan ka’e gama kanaan hanqinni jiraachuu fi kanaas furuun fedhii misooma hawaasummaan guutuuf hojjachuu qabnaa jedhan.
    Daayireektarri Daayireektoreetii Qindeessa Dhimoottan Diyaasporaa Dirree Dhawaa Obbo Akliila Taaxaq gama isaaniin akka jedhanitti misooma irratti Diyyasporaa hirmaachisuun roga misooma hawaasummaan humna qabnutti osoo hin gargaaramin turruus yeroo dhihoo asitti garuu hojiin bal’aan akka biyyaatti raawatamaa jiraachuu eeranii bulchiinsa Dirree Dhawaatti deegarsa diyaasporaan haala tamsa’een taasisaa jiru qindeessuun hojiiwan misooma hawaasumaa irratti hanqinoottan mul’atan guutuuf qindoominaa fi xiyyeefannoon qaamolee ga’ee murteessaa taachaas addeessan.
    Marii kana irratti barruun hanqina fedhii misooma hawaassummaa mul’isu keessattuu kan Araddoota Baadiyaa Bulchiinsaatti manneen barnootaa sadarkaa ulaagaa bu’uraa gadiin barnoota laachaa jiran irratti kan xiyyeefate dhiyaatee mariin bal’aan ireatti taasifameera.