Damee Innooveeshiniittiin Humna qabnutti sirrnaan fayyadamuudhaan Guddina Biyya teenyaa saffisiisuu qabnaa jedhan.

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Barsiistota Qindeesitoota Gumii Saayinsii , Teknooloojii fi Innooveeshiniitii fi bakka buutota dhaabilee Hojii kalaqaa irratti bobba’aniif leenjiin hubannoo gabbisuu kename .
    Wal-tajjii kana irratti haasawa baniinsaa kan taasisan Itti-gaafatamaa waajjira Kantiibaa fi Dhimmoottan kaabinee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Fu’aad Sugee akka jedhanitti imala Misoomaa fi Guddinaa Biyyi teenya jalqabde dameen kun deegaruun shoora irraa eegamu akka bahatuuf qaamole roga kana irratti hojjattan dandeetii isaanii gabbisuun murteessaadhaa jedhan.
    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Daayireektarri Daayireektoreetii Saayinsii , Teknooloojii fi Innooveeshinii Obbo Haarun Abdurahmaan gama isaaniin akka jedhanitti dame kanaaf bu’urri Mana Barnootaa waan ta’eef Biyyi teenya roga kanaan galma qabatte milkeessuuf Bu’ura roga kanaa cimsuuf yaadamee leenjiin kun kan qophaa’ee jedhan.
    Wal-tajjii kana irratti dameen Saayinsii , Teknooloojii fi Innooveeshinii kun qarooma adunyaa keessatti akkasumaas garaa garummaa Biyyoottan qaroomanii fi dameen kun shoora gumaachan kan mul’isu barruun dhiyaatee mariin irratti taasifameera.