Yaa’iin Idilee 7ffaa Bara Hojii 3ffaa Waggaa 3ffaa Mana Marii Bulchinsa Dirree Dhawaa Muudamootaafi Labsiiwwan Mirkaneesse.
Kaleessarraa jalqabee gaggeeffamaa kan ture Yaa’iin Idilee 7ffaan bara hojii 3ffaa kan waggaa 3ffaa har’a muudamootaafi wixineewwan labsii garaagaraa dhihaate mirkaneessuudhaan goolabameeti jira. Guyyaa kanatti yaa’ii idilee kanarratti gabaasa raawwii walakkaa waggaa kan seektaroota bulchinsaa manneen qopheessummaa hojigaggeessaa magaalaafi dhaabbilee itti waamamoo jala jiranii Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaariin Dhihaaterratti yaannifi gaaffileen…


