#Oduu Bulchinsa Dirree Dhawaatti Duulli misooma Sululaa Qindaawaa Bonaa Guyyoota 30f gaggeeffamaa ture goolabame.
“Sulula Qindaawaa Misooma Magariisaa Waaraaf”jedhuun guyyoota 30f kan gaggeeffamaa ture hojiin misooma sululaa bonee goolabame. Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar ergaa baga gammaddanii yommuu dabarsanitti bara kana karoora hojii sululaa guyyoota 30 baafanne galma akka gahuuf halkaniifi guyyaa hojjechuun raawwii gaarii galmeessuudhaan Kilaastarri Hasallisoo keessattuu Araddaan Ganda Rigee adda duree ta’uu himanii, hoggansi…


