Oduu Tarminaalli Imaltootaa Buufata Baaburaa Durii Birrii Mil. 13.5 niin Suphaan Godhamuuf Akka Ta’e Ibsame. .
Biiroon Aadaafi Turizimii Bulchinsa Dirree Dhawaa deeggarsa maallaqaa Abbaa Taaytaa Godaambaa Itoophiyaarraa argameen Tarminaala Imaltootaa kan Buufata Baaburaa Durii Akka Hambaa Seenaatti Galmaa’ee taa’uuf suphaa gochuuf dhaabta Ijaaruu waliin waliigaltee mallatteesse.Sirna Waliigaltee mallatteessuu kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaa Biiroo Aadaafi Turizimii Bulchinsa Dhawaa Obbo Mikaa’il Indaalaa Buufanni Baaburaa Dirree Dhawaa kuni seenaa hundeeffama Magaalaa…


