Adeemsa Istaadiyeemii Dirree Dhawaa seenaa-qabeeysa tahe, abbaa dirree marga namtolchee sadarkaa FIFA guute taasisuu keessatti, Namoottan dhuunfaa fi dhaabbileen gumaacha gootan hunda kabajaatu isiniin mala.

Hundaa ol ammoo … galmi kun akka dhugoomuuf ittigaafatamtummaa guddoo itti kenname gahumsaan kan bahate obboleessa koo jaallatamaa Fu’aad Ibraahimiif galanni koo kan onneerraa buqqa’e jechaa ol waan taheef, jiraattonni bulchiinsa keenyaa hundi akka naaf eybiftaniin kabajaan isin gaafadha. Istaadiyeemii idil-addunyaa keenya warra Dirree Dhawaatiif qabeenya, lammiilee Itiyoophiyaa hundaaf ammoo Boona akka tahu, amniti taasisuu…

Read More

Waldaan Aksiyoonaa Daldalaafi Invastimantii Alaa Qalloo Dirree Dhawaatti Hundeeyfame.

Kaappitaala Birrii Mil. 22.2 oliin Biyya Saawudiitti kan hundeeyfame Waldaan Aksiyoonaa Daldalaafi Invastimantii Alaa Qalloo Damee isaa Lammaffaa Dirree Dhawaatti Hundeesse. Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar sagantaa hundeeffama Waldaa Aksiyoonaa Alaa Qalloo kanarratti argamuun haasaa kabajaa yommuu taasisanitti namni kamiyyuu ijaaramuudhaan hojii daldalaafi misoomaa barbaade keessatti seenee hojjechuuf carraa uumametti fayyadamuu akka danda’u…

Read More

Hawaasa Fayyummaansaa Eeggame Uumuudhaaf Faaydaa Sochiin Qaamaa Qaburratti Hubannoo Hawaasaa Guddisuu Akka Barbaachisu Komishinar Firaanol Bulchaa Ibsan.

Bulchinsa Dirree Dhawaatti sosochiin qaamaa mataduree “Sochii ga’umsa qaamaa sa’aa tokkoo miliyoonotaaf” jedhuun gaggeeffame. Hogganaan Biiroo Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa Komishinar Firaaol Bulchaa yaada kennaniin mataduree sochii qaamaa sa’aa tokkoo miliyoonotaaf jedhu kanaan akka biyyaatti marsaa 3 qofatti namoota mil. 10 ol, akkasumas bulchinsatti namoota kuma 100 ol hirmaachisuun kan danda’ame ta’uu ibsan….

Read More

Itoophiyatti Imbaasiin Ingiliz Bulchinsa Dirree Dhawaa Waliin Hojjechuuf Fedhii Qabaacuun Ibsame.

Itoophiyatti Ambaasaaddarri Biritish Daaren Weelch Miseensota Kaabinee Bulchinsa Dirree Dhawaa Waliin Marii akkaataa qindoominaan waliin hojjechuun danda’amurrtti Marii gaggeessan. Ambaasaddari Daren Weelch Biyyi Ingiliz hariiroo michoomaa Itoophiyaa waliin qabdu daran akka cimu fedhii qabaachuu himanii hojiilee misoomaa bulchinsatti eegalamerratti bulchinsa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuus dubbatan. Hoggantuu Biiroo Misooma Maallaqaafi Diinagdee Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Muluukaa…

Read More

Istaadiyeemii Magaalaa Dirree Dhawaa Tapha Idiladdunyaa Keessummeesse.

Istaadiyeemii Magaalaa Dirree Dhawaa taphoota idil-addunyaa keessummeessuuf ulaagaa FIFA fi CAF kan guute yoo ta’u, gareen kubbaa miilaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa fi Yugaandaa tapha michoomaa Istaadiyooma kanarratti waliin taphataniiru. Istaadiyeemii Dirree Dhawaa maqaafi beekkamtii duraan qabutti deebisuuf Bulchinsi istaadiyeemcha kana babal’isuufi haaromsuuf ciminaan hojjechaa kan jiru yommuu ta’u guyyaa har’aa kanatti eebbifamuudhaan taphoota sadarkaa Idiladdunyaa keessummeessuuf…

Read More

Kitaabni “Hiigaa” Mataduree jedhuun Afaan Oromootiin Barreefffame Eebbifame.

Kitaabni Qabiyyeensa filoosofii addunyaa hangaa hawaa Injinar Nasraddiin Hassen Mataduree “Hiigaa” jedhuun barreesse har’a Magaalaa Dirree Dhawaa Hoteela ‘B-Capital’ itti eebbifame. Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin kitaabni ‘Hiigaa’ Dirree Dhawaa madda Aartistootaafi barreessitootaa ta’uun ishee kan duubatti hindeebine ta’uu kan itti mirkaneeffatteedha jedhan. Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Bulchinsa Dirree…

Read More

Taphni Michoomaa Kubaa Miilaa kan Gareen Biyyooleessa Itoophiyaa fi Garee Biyyooleessaa Ugaandaa waliin taasifamu jalqabuufi deema.

Istaadiyoomni Dirree Dhawaa kan sadarkaa isaa eeggachuudhaan ulaagaa Fifa Idil Addumnyaa guutuudhaan Xalayaa ragaa arkate guyyaa arraa kana eebbifamuudhaan tapha jalqabaa Garee lamaan kana jidduutti ni gaggeeysa; Yeroo ammaatiis Kantiiba Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obboo Kadiir Juhaar dabalatee Gareen Kaabinee Bulchiinsaatifii Garee Gaazeexeeysitootaa jidduutti taphni gaggeeyfamaati jira. Tapha kana daawwachuuf Hogganttootni bulchiinsa Dirree Dhawaa baayyeen…

Read More

Hospitaalli Riferaalaa Yunivarsitii Dirree Dhawaa Eebbifamee Hojii Jalqabuun Dirree Dhawaa Bira Dabree Naannoolee Ollaa Fayyadamoo Kan Taasisuudha Jedhame.

Tajaajila barumsa damee fayyaafi bal’aansa olaanaa kennuuf kan hojjetame hospitaalli Riferaalaa Yunivarsitii Dirree Dhawaa guyyaa har’aa eebbifamuudhaan tajaajila kennuu jalqabe. Sagantaa eebba hospitaalichaarratti argamuudhaan haasaa kan taasisan Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar dhabbata barumsa fayyaafi hospitaala riferaalaa kan ta’e kuni eebbifamee gara hojiitti seenuunsaa gaaffilee ummataa yeroo dheeraaf ka’aa turan deebisuusaa eeranii…

Read More

Oduu | Guyyaan Ogeeyyii Fayyaa Dirree Dhawaa fi waggaa 3ffaan hundeefama Waldaan kabajame.

Waggaa Sadee Arraa kan hundeefame Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Dirree Dhawaa kan miseensota Ogeeyyii Fayyaa 985 qabu yoo ta’u Guyyaa arraa “Ogeeyyiin Fayyaa Dadamaqoo, Bashaashaa fi Garalaafeyyiin Imala Badhaadhinaaf” mata-duree jedhuun waggaa 3ffaa hundeefama Waldaa fi Guyyaan Ogeeyyii Fayyaa Dirree Dhawaa kabajan. Ogeeyyiin Fayyaa Tajaajila Walaansaa fayyaa Qulqulina ol’aanaa qabu laachuu Akka danda’aniif dandeettii fi beekumsa…

Read More