Ityoophiyaan bara baajata kanatti Guddina 6% ol galmeessisuun ibsame.
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gaaffiiwwan garagaraa miseensoota mana maree bakka bu’oota ummataa irraa dhiyaateef ibsa laataniiru. Ityoophiyaan bara baajata qabamet 6.1% guddina galmeessifteetti jedhame. Ityoophiyaan bara baajata Faranjootaa 6.1% guddina diinagdee galmeessuu muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad beeksisaaniiru. Bara darbeetti dameewwan baankoota baayyateera; lakkoofsi dameewwanii 18% guddachuu ibsaniiru. Dooktar Abiy baayyachuun dameewwanii jijjiira guddaa…


