Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sirni Adeemsa Sassaabii Gibiraa hojiin ammayoomsuu kan Teknooloojiitti ceesisu hojii jalqabe.
Wal tajjii Abbaa Taayitaa Galiiwan Bulchiinsaatti Teknooloojii kan ( Standard Integrated Government Tax Administration Systems ) jalqabsiisuu irratti Kantiibaan Bulchiinsaa Obbo Ahmad Buuh akka jedhanitti Gaaffii misoomaa kan ummata keenyaa fi hawwii hunda keenyaa milkeessuuf akkasumas cimina Biyya tokkoof Sassaabiin Gibiraa murteessaa ta’uu eeranii bara kana Galii Gibiraa Sassaabamuuf qabame Birrii Biiliyoona 1.7 milkeessuuf Hojjatoonni Abbaa Taayitaa fi qaamoleen ga’ee akka tattaaffii isaanii cimsanii itti fufaniis dhaaman.
Daayireektariin Abbaa Taayitaa Galiiwan Bulchiinsaa Obbo Abdulsalam Mahamad gama isaaniin Teknooloojiin kun Seeraan Sassaabbii Gibiraa Ragaa Odeefannoo irratti hundaa’e gochuun ga’een gumaachu ol’aanaa taachaas addeessan.


