Magaalaa sochii Amayaa’aa fi Seera qabeessa mijooftu taasisuuf hojjatamaa jiraachuun ibsan.

    Dirree Dhawaa Magaalaa sochii Hawaas-dinagdee Seera qabeessaa fi Ammayaawaa gonfate miidhagduu jiraatotaaf mijooftu taasisuuf xiyyeeffannoo ol’aanaan hojjatamaa jiraachuu Itti Aanaa Hooganaa Waajjira Hoji-geggeessaa Magaalaa Dirree Dhawaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Kabajchiinsa Dambii Obbo Faamii Muummee ibsan.
    Obbo Faamiin hojiiwan geggeefamaa jiran keessaa Magaalaa Seera qabsiisuu fi sirreessuu taachaas addaassan Magaalaa Dirree Dhawaatti hojmaata Seeraan alaa daldala daandii irratti babal’atee Daandii cufaa jiraachuu daran gochoota yakka hannaaf hawaasa saaxilaa dhufe ittisuu fi Dirree hojmaata Seeraqabeessa fi Ammayaawaa gonfatte qulqulluu jireenyaaf mijooftu taasisuuf xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu ibsan.
    Obbo Faamiin hojiiwan geggeefamaa jiran keessaa hojiin biroo hojii balfa xuraawaa qafiiraa gara mazjiid Jum’aa duraan daandii irra dhangala’u miidhaa fayyaa Hawaasaa irraan ga’uu malu ittisuuf dhangala’aan kun akka daandii irra hin dhangalaane hojiin taasisuus hojii xiyyeefannoon raawatame keessaa taachaas addeessan.
    Namoota hojii Seera qabsiisuu fi sirreessuu kanaan kaafaman kan iddoo galma Daldaa Caataraa irraa qabanii fi ammaas Qafiiraa kanneen Madaba qaban iddoo isaaniitti hojiin deebisuu fi Namoota manneen jireenyaa kaafaman lammiiwan keenya waan ta’aniif iddoowan qaawaa jiran foo’uun qubsiifamaa jiraachuus addeessan.
    Sochii hojii Magaalaa Dirree Dhawaa Seera qabsiisuu fi sirreessuu kana irratti namoota haasofsine keessaa hojii daldalaa irratti boba’ee kan jiru Obbo Ramadaan Sulleeymaan sochiin magaalaa seera qabsiisuu fi sirreessuu kanaan dura naannoo Caataraa keessatti sababa daldala seeraan alaan rakkoo dhiibbaa hojii isaa fi sochii imala isaa irra ga’aa ture furamuutti gammaduu ibsuun hawaasni marti Seera qabeessaa taanee haa hojjannuu jedhan.
    Qafiiraa yeroo meeshaa bitattu arginee kan haasofsine Adde caaltuu usmaan kanaan dura yeroo meeshaa bitachuuf sochii Qafiiratti taasiftuun akka rakkachaa turuu eeranii hojii seera qabsiisuu fi sirreessuu kanaan rakkoon ture furamee haala gaariin sochootee bitachuuf danda’uus eeran.
    Miseensonni Naamusa Kabajchiiftota yeroo naamusa kabajchiisan argine Adde Sabla Nugusee fi Obbo Mansuur musxafaa yaada nuuf laataniin akka jedhanitti guddina Magaalaa Dirree Dhawaa irratti rakkoolee gufuu keessaa tokko daldala seeraan alaa daandii irratti babal’atee taachaa eeruun sababa daldala daandii irratti babal’ateen sochii hawaasa irra miidhaa ga aa ture hambisuuf cimanii hojachachuuf kan isaan kakaase taachaas eeran.