Humni shororkeessaa Wayyaanee hanga ammaatti shira hin shirin tokkolleen qabu. Shira kumaatamaan lakkaawamu foohee jira. Humni badiif ka’e Wayyaaneen, olola sobaa nama burjaajessuu danda’a jedhee yaadu hundaahuu itti fayyadamee jira.
Haatahuu garuu galman geenyeef Shirriifi ololli burjaajii hundi harkatti kufanii jiran . Kijibni tabba naman baasu waan taheef shirri isaa Tarkaanfii tokko fuulduratti isa deemsisuu hin dandeenye.
Amma immoo shira isa dhumaa qopheessee gadi bahee jira. Shira ijibbaataa abdii kutannaa irraa dhufeedha “Raayyaan Ittisa Biyyaa wabii biyya keenyaa waan ta’eef ummanni Tigraay RIB jaalalaafi gammachuun ililchee ofitti fudhachuu qaba, karaa dabarsuu qaba” olola jedhu karaa ergamtoota isaatiin gadi dhiisaa jira.
Galmi shira kanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti shakkii uumuufi qoqqooduuf kan yaadameedha. Itti aansuun of dagachiisanii Raayyaa ittisa biyyaa itti marsuun dambalii ummataatiin liqimsuudha.
Shirri kun kan shirameef tarkaanfii ofirraa ittisuu RIB jala dhaabbachuu dadhabuu isaa irraa kan madde dha.
Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya garuu shira gowwaan wayyaanee shiruun kan butamu miti. Beekumsa saayinsii waraanaa gahaa taheen hogganamee ergama isatti kenname gahumsan kan bahatu dha.
RIB Gootichi kan kiyyoo Wayyaanee keessa seenee qabamuuf osoon taane humni badii kun sirritti beekuu qabu.
Raayyaan Ittisa Biyyaa keenya yoomiyyuu taanaan abbaa injifannooti, waraana humna badii kan yaroo sadaffaaf nurratti labsame injiratee nageenya biyya teenyaa mirkaneeysuun gara misooma keenyaatti qaama qalbii guutuun akka dachaanu kan itti abdannu wabii hunda keenyaati


