Hawaasa Fayyummaansaa Eeggame Uumuudhaaf Faaydaa Sochiin Qaamaa Qaburratti Hubannoo Hawaasaa Guddisuu Akka Barbaachisu Komishinar Firaanol Bulchaa Ibsan.
Bulchinsa Dirree Dhawaatti sosochiin qaamaa mataduree “Sochii ga’umsa qaamaa sa’aa tokkoo miliyoonotaaf” jedhuun gaggeeffame. Hogganaan Biiroo Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa Komishinar Firaaol Bulchaa yaada kennaniin mataduree sochii qaamaa sa’aa tokkoo miliyoonotaaf jedhu kanaan akka biyyaatti marsaa 3 qofatti namoota mil. 10 ol, akkasumas bulchinsatti namoota kuma 100 ol hirmaachisuun kan danda’ame ta’uu ibsan….


