Jiraattonni Bulchiinsa Dirree Dhawaa tokko tokko Itiyoophiyaa keessatti mootummaan ijaaramuun karaa filannoo qofaan ta’uu qaba. Oduu sobaa kannee bahaar gamaa irraa faca’aa jirtuus akka hin fudhanne dhamanii jiran.

Jiraattooni Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa dubbisan keessaa konkolaachiftooni gara Dirree Dhawa konkolaalaachisan akka ibsanitti Halkan sa’aatii saddeet booda gara Dirree Dhawa yoommuu dhufnule nagahan socho’uu akka danda’an dubbataniiru. Nageenyi jireenya ofii keessatti argame biyya alaa irraa akka jeeqamu hin hayyamnu jechuudhaan dhimma warri biyyaa alaa ofaa jiran akka balaaleeyfatan ibsanii jiran. Jiraataan…

Read More

Kaardii Filattummaa Fudhachuun Dirqama Lammummaa Bahachuu Qabu Jechuun Jiraattonni Dirree Dhawaa Ibsan.

Filannoon Waliigalaa Biyyaaleessaa 7ffaan Sirna Dimokraasii cimsuuf waliigaltee biyyaaleessaa hundeessuuf bu’urri itti gadi dhaabbatu ta’uusaa beekuudhaan lammiileen hunduu gaheesaa gumaachuu akka qabu ifaadha. Guyyaa har’aa tuuta geezeexeessitoota Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaaf qophii filannichaan walqabatee jiraattoonni bulchinsaa tokko tokko yaada kennaniin hawaasni kaardii filannoo fudhachuudhaan dirqama lammummaasaanii bahachuu akka qaban ibsan. Hawaasni haala…

Read More

Kaardii Filattummaa yeroon Fudhachuudhaan Dhimma Biyyaarratti Murtee Kennuun, Akkasuma Dirqama Lammumaa Bahachuun haalaan Kan Barbaachisu Ta’uu Jiraattonni Bulchiinsa Dirree Dhawaa Ibsan

Jiraattoonni Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kaardii Filannoo yeroon Fudhachuudhaan Dirqama Lammummaa bahachuun hedduu barbaachisa jechuun Dubbatan. Filannooo Waliigalaa Biyyaaleessaa 7ffaa barana gaggeeffamuuf jirurratti hirmaachuudhaan filachuufi filatamuudhaaf kaardiifilattummaa fudhachuudhaaf galmeen hanga Bitooteessa 14/ 2018 akka ta’e Boordiin filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa kan mirkaneesse yommuu ta’u guyyaa har’aa jiraattonni bulchinsaa tokko tokko filannoo biyyaaleessaa 7ffaarratti hirmaachuudhaaf kaardii filannoo “online”…

Read More

Mootummaan Dhiheessa Boba’aan Walqabatee Tarsimoowwan Rakkoolee Mudatanirraa Dandamachiisuu Danda’an Ifoomsuun Ibsame.

Walitti Bu’insa Dhiheenya kana baha giddu- galeessatti mudate hordofuun dhiheessa boba’aarratti rakkoolee mudate dandamachuun akka danda’amutti mootummaan tarsimoolee ifoomsee jiraachuu Biiroon Daldalaa, Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Beeksise. Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Daldalaa Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Amiinoo Xahaa har’a ibsa gaazeexeessotaaf kennaiin rakkoo dhiheenya Biyyoota Giddugala bahaatti sababaa walwaraansa Iraaniifi Izraa’eeliif Ameerkaa…

Read More

Filannoo Waliigala 7ffaaf if galmeeysinee paartii itti amannee Kan Nuuf Ta’uu Filachuuf Qophoofneerra:Jiraattota Bulchinsaa Dirree Dhawaa

Jiraattoonni Bulchinsa Dirree Dhawaa galmee filattummaa gaggeessuun Kaardii Filannoo Fudhachuun Paartii nuuf ta’uu Filachuuf qophoofnee jirra jedhan. Filannichi guddina hegeree biyya keenyaaf murteessaadha kan jedhan jiraattonni kunneen lammiileen mirgoota namoomaafi dimokraasii isaanii yeroo Itti fayyadamanitti namni umrii filattummaaf gahu hundumtuu mirga isaanii fayyadamuudhaaf galmaa’uudhaan Kaardii filattummaa fudhachuu akka qabu ibsan. Lammiileen mirga filachuu isaanii fayyadamuudhaaf…

Read More

Gareen Biyyoolessaa Saa’oo Toomee fi Prinsipe Tapha kubba Miila marsaa Lammaffaa Garee Biyyoolessaa Itiyoophiyaa (Walia) Waliin Taphachuuf Magaalaa Diree Dhawaa Galan

Jilli kun tapha marsaa lammaffaa gulaali waancaa Afrikaa 36ffaa bara 2027 ttif Istaadiyeemii Idil Addunyaa Diree Dawaatti Garee Biyyoolessaa Ityoophiyaa waliin taphachuuf magaalaa Diree Dhawaa seene. Jilli kun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Diree Dhawaa yommuu gahu hoggantoota sadarkaa bulchiinsa Diree Dhawaa sadarkaa hundaan simannaa ho’aan taasifameera. Gareen Biyyoolessaa Itoophiyaa sa’aatii muraasa dura Diree Dhawaa gahe;…

Read More

Gareen Biyyoolessaa Itiyoophiyaa (Walia) Tapha Miila Lammaffaa Saa’oo Toomee fi Prinsipee waliin Taphachuuf Magaalaa Diree Dhawaa Gahe.

Gareen Biyyoolessaa Itiyoophiyaa (Waliya) tapha jalqabaa waancaa Afrikaa 36ffaa irratti Sa’oo Toomee fi Prinsipeen 3 fi 0n injifachuun ni beekama. Gareen Biyyoolessaa Itiyoophiyaa istaadiyeemii idil addunyaa Diree Dhawaatti tapha marsaa lammaffaa Saa’oo Toomee fi Prinsipee waliin taphachuuf magaalaa Diree Dhawaa seene. Jilli kun Istaadiyeemii Idil Addunyaa Diree Dhawaa yommuu ga’u Itti Gaafatamaa Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa…

Read More

Ibsa Gadda!

Artistoota Gameeyyii Dirree Dhawaan biqilchite keessaa tokko kan ta’ee Artistiin Wallee Afaan Oromoo jaalatamaan Artisti Mahadii Abdurahmaan Maqaa Qoosaa Mahadii Xiqqaan kaleessa galagala taxa dhukkubsachuun adduunyaa kanarraa du’aan boqochuusaaniitti Bulchinsaa Dirree Dhawaa Gadda guddaa itti dhaga’ame ibsa. Artistit Mahadiin kaleessa galgala taxa dhukkubsatanii tajaajila wal’aansaaf Hospitaala geeffamuun yaalli barbaachisaa taasifamuufis lubbuusaanii baraaruun hindanda’amne. Artisti Mahadii…

Read More

Paartiin Badhaadhinaa Qabeenya uumamaa sirnaan Itti Fayyadamuun Imala Badhaadhinaa Saffisiisuuf Halkaniifi Guyyaa Hojjechaa jiraachuun Insame.

Bulchinsa Dirree Dhawaa Paartiin Badhaadhinaa mataduree”Itoophiyaa Gara Biyya Fekkeenyummaatti” jedhuun Aanaalee 05,06,07,08 fi 09 tii Waltajjii Maanifeestoofi Asxaa Filannoo Biyyoolessaa 7ffaa beeksisuu gaggeesse. Waltajjicharratti Paartiin Badhaadhinaa Qabeenya uumamaa sirnaan Itti Fayyadamuun Imala Badhaadhinaa Saffisiisuuf Halkaniifi Guyyaa Hojjechaa jiraachuun Insame. Miseensonni waltajjicharratti dubbisne tokko tokko yaada buuf kennaniin nadoon qamadii ida’amuun cimina, oomishtummaa gargaaramtummaarraa bahuu hiika…

Read More

Abbaan Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsaa Diree Dhawaa guddina diinagdee mirkaneessuun badhaadhina ummata keenyaa ni mirkaneessina jedha

Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsa Diree Dhawaa obbo Abdusalaam Mohaammad misooma diinagdee mirkaneessuun misoomaa fi badhaadhina ummata keenyaa ni mirkaneessina jedhaniiru. Jijjiirama hoggansa dura bulchiinsi baasii bulchiinsaa dhibbeentaa shantama ol galii gibiraatiin uwwisuu kan hin dandeenye yoo ta’u, yeroo ammaa garuu galiin gibiraa bulchiinsa irraa sassaabame baasii bulchiinsaa dhibbeentaa 78% uwwisuu kan danda’ee tahuu…

Read More