Jilli Abbootii Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Hojigaggeessaa Olaanaa Mana Lubummaa Waliigalaa Abbaa Saawiroosiifi Barreessaa Olaanaa Sinodosii Qulqulluu Abbas Doyosqoriyosiin Durfamu Ayyaana Qulluubbii Gabreelirratti Kabajuuf Dirree Dhawaa Galan.
jilli Hojigaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Saawirosin durfamu kuni Ayyaana Gabreelii Muddee 192018 Magaalaa Qullubbiitti kabajamu sababeeffachuudhaan jalabultii ayyaanichaaf gara Magaalaa Dirree Dhawaa kan dhufe yommuu ta’u, jilichi Buufata Xiyyeearaa Idil Addunyaa Dirree Dhawaa yommuu gahutti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Dursaa Paappasii Mana Lallabaa Amantaa Ortodoksii Dirree Dhawaa Biyyattii…


