Dargaggoonni hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuun Naannoo isaanii kunuunsuu fi hawaasa isaanii fayyadamoo taasisuu akka qaban dhaamame
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Goflaa Dargaggootaa tajaajila tola ooltummaa ganna bara 2018 waliin walqabatee duula qulqulleessuu fi biqiltuu kunuunsuu gaggeessaniiru. Saganticha irratti kan argaman Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa kan ta’an Obbo Ibraahim Yuusuf akka ibsanitti, duulli qulqullinaa kun dargaggoota waliin ta’uun kan raawwatame yoo ta’u, hojiin tola ooltummaa ganna bara…


