Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti qaamoleen hawaasa gara garaa waliin Marii Konfiransii Nageenyaa kan “Nageenya Seenaan Tee adda kan foo’amtu Jaalalaani ” dhaadannoo jedhuun wal-tajjiin marii Konfiransii Nageenyaa kan Jiraatonni kum 57 ol ta’an irratti hirmaachuun geggeefamaa ture Aadaa fi Duudhaa Dirree Dhawaa waggoottan dheeraaf ittiin beekamtu tan wal-danda’anii nageenyaa fi wal-jaalatanii ittiin jiraachaa turan cimsanii itti-fufsiisuu fi hawaasni bal’aan nageenya ofii isaa fi magaalattiis eegsisuu irratti waliigaluun haala addaattii goolabameera.
Konfiransii Nageenyaa kun qaamolee kutaa hawaasa gara garaa kan Araddoottan Magaalaa fi Baadiyaa sadarkaa sadarkaan walumaa galatti Jiraatonni kum 57 ol ta’an irratti hirmaachuun geggeefamaa kan ture yoo ta’u haala ittiin Aadaa fi Duudhaa waggoottan dheeraaf Dirree Dhawaa ittiin jiraachaa turan tan wal-danda’anii nageenyaa fi wal-jaalatanii ittiin jiraachaa turan cimsanii itti-fufsiisuu fi nageenya magaalattiis itti fufsiisuun damda’amu irratti mariiwan bal’inaan geggeefamaa turan irratti jiraattoni Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa kanneen kum 50 ga’anii waliin geggeessuun Aadaa fi Duudhaa waggoottan dheeraaf hawaasni magaalattii ittiin beekamu kan wal-danda’anii fi wal-jaalatanii nageenyaan ittiin jiraachaa turan cimsanii itti-fufsiisuuf akka danda’amuuf rakkoolee yeroo dhihoo asitti mudachaa dhufaniin tokkummaa fi waliin jireenyi hawaasaa akka hin banne walii galtee uumuun ittisuu irratti abbaan Nageenyaa kan ta’e hawaasni bal’aa gamtaan akka hojjatuuf yaadamee kan geggeefamaa jiru taachaas beekuun danda’ameera
Wal-tajjii goolabbii Marii Konfiransii Nageenyaa kana irratti Kantiibaa bulchiinsaa Obbo Ibraahim Usmaan , duursan Hooganaa Itti Aanaa Kantiibaa fi Hooganaa Biiroo Daldala Indastirii fi Invastiantii Obbo Abdallaa Ahmad dabalateeBulchiinsatti Hoogantootni ol’aanoon Mootummaa fi Dhaabaa akkasumaas bakka buutonni qaamolee hawaasa gara garaas sagantaa kana irratti hirmaataniiru.


