Bulchiinsa Dirree Dhawaatti kan argaman Dhaabilee Amantii jechuuniis 82 Ragaa
Abbaa Qabiyyee Lafaa Ganama arraa haala miidhagaa ta’een laatameera.
Dhaabilee Amantii kanneen guyyaa har’a Ragaan Abbaa Qabiyyee Lafaa (Kaartaa)
kennameef kun Dhaabilee Amantaa Muslimaa ykn Masgiidotaa fi Iddoo
Awaalchaa walumatti dhaabilee 66 , kan Ortoodoksii 9 fi kan Pirooteestaantii 7
walumaa galatti dhaabilee 82 Ragaa Abbaa Qabiyyee Lafaa (Kaartaan )
laatameera.
Ragaan Abbaa Qabiyyee Lafaa (Kaartaa) kennameef kun haaluma lafa qabatanii
jiraniin akkuma jiranitti hamma lafa qabatanii jiran irratti laatameefiiti jira.


