Carraa Hojii Bal’inaan Akka Uumamuu qabu irratti Mariin Geggeefame.

    Koomishiniin Carraa Hojii Uumuu Federaalaa Qaamolee Ga’ee Bulchiinsa Dirree Dhawaa waliin Bara Bajataa kanatti Carraa Hojii Bal’inaan Uumuuf hojii raawatamuu qabu irratti marii gamtaa geggeefameera.
    Marii kana irratti bara Bajataa kanatti Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Dargaggoota Hoji dhabdoota Kum 23 fi 900 oliif Carraa Hojii Uumuuf karoorfamee Xiyyeefannoon Hojjatamaa Jiraachuu fi keessattuu yeroo dhihoo hojii kan jalqabe Paarkii Indastirii Dirree Dhawaatti Kubaaniyoonni bara darbe akkuma Galuuf qophaa’aa jiranitti Dhibee Vaayirasii Koronaa Idil-Adunyaa mudateen sochiin adda cite turuu fi haala qabatamaa sochii Indastirii jalqabamaa jiruun kan galan waan ta’eef suduudaan Paarkichatti Namoomata yeroo dhihootti kum 10 oliif Carraa Hojii haalli itti uumuun danda’amu irratti marii bal’aa taasisaniiru.
    Maricha irratti Koomishinariin Koomishinii Carraa Hojii Uumuu Federaalaa Obbo Nugusuu Xilaahuun yaada kennaniin akka jedhanitti Gurmaa’iin Ejansii Carraa Hojii Uumuu Magaalotaa fi Wabii Midhaan Nyaataa Bulchiinsa Dirree Dhawaa hojii Qindeessaaa milkaa’aa raawachuuf haala itti dandeesisu irrattiis akka hojjatamuu qabu dhaaman.
    Wal-tajjii kana irratti Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsaa Obbo Ahmad Buuh fi Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsaatti Hooganaa Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar akkasumaas bakka buutonni Qaamolee Ga’ee Bulchiinsaa hirmaataniiru.