Gamagammii Kurmaana 1ffaa Raawwii Hojii Piroojektoota bara bajataa 2013 Geggeefame

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti bara bajataa 2013tti hojiin Piroojektoota turoo xumuruuf hojiiwan xiyyeeffannoon itti laatame isa ijoodha kanaafi Bulchiinsi Bajata ol’aanaa kan ramadee sochii irra jiru bara bajataa kanatti Bulchiinsi Piroojektootaaf Kaapitaala Dhaabataa irraa (Birrii Biiliyoona tokkoo fi Miiliyoona dhibba shan ) , Deegarsa kanneen Biroo irraa (Birrii Miiliyoona dhibba Torba ) fi Piroojektii Misooma Manneeniif (Birrii Biiliyoona tokko ) walumaa galatti baasii Birrii Biiliyoona Sadihii fi Miiliyoona dhibba Lama ramadee Piroojektootaa baay’ee Xumuruuf hojjachaa jiraachuu Hooganaan Biiroo Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Obbo Sulxaan Aliyyii haasawa baniinsaa kan Gamagammii Raawwii Hojii Piroojektoota kan Kurmaana 1ffaa Bara Bajataa 2013 Geggeefame irratti ibsan.
    Wal-tajjii Gamagammii kana kan geggeessan Itti Aanaa Kantiibaa fi Hooganaan Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti Bulchiinsatti Piroojektootni waggaa waggaan jalqabsiifnuu fi kan xumurree Tajaajila hawaasaaf akka oolan xumurraa jiru kan wal-hin gitneedha jedhaniinii bara kana haala addaan Piroojektoota keessattuu kanneen harkifachaa turan Goolabnee tajaajila barbaadamu akka laatan gochuuf xiyyeefannoo ol’aanaan sadarkaa Piroojektootni irra jiran qabatamaan hordofaa rakkoo mudataniis hiikaa deemuun dirqama taachaas addeessaniiru.
    Wal-tajjii kana irratti Dhaabileen Bulchiinsaa kanneen Piroojektoota geggeessan gorsitoonnii fi dhaabileeen kontiraaktaroota Ijaarsa Piroojektootaa kan argaman yoo ta’u Bulchiinsatti Hoogantoonni ol’aanoon Mootummaa fi Dhaabaas hirmaataniiru.