Sababa Dhibee weeraraa Idil-adunyaa ta’e Kovid 19 Barnoota addaan cite ture jalqabsiisuuf xiyyeefannoon hojii kurfii raawachaa jiraachuu Pirezidaantiin Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa D.r Ubaah Adam hojiiwan kurfii xumuraa jiraachuu ibsan.
D.r Ubaah akka ibsanitti hojiiwan mooraa Yuunivarsitii keessatti hojii Kutaalee Barnootaa , Ciisiinsaa , iddoowan dubbisaa fi kenneen biro hojii qulqulleessuu fi sirreessuu raawachaa turuus eeraniiru.
Hojjatootni , Barsiistonnii fi Geggeessotni Yuunivarsitii Dirree Dhawaa qajeelfama ministeerri saayinsii fi dhaabilee barnoota ol’aanoo ol’aanoo baase irratti hubannoo ga’aa qabaatanii bu’ura qajeelfamichaatiin hojii baruu fi barsiisuu akka raawachuu danda’aniif hojiin hubannoo uumuus kennaa jiraachuus addeessaniiru.
Wal-tajjii hubannoo uumuu kan Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti geggeefamaa jiru kana irratti Hojjatootni , Barsiistonnii fi Geggeessotni Yuunivarsitichaa kannneen kum 5 tti hiiqan marsaa marsaa leenjii fudhachaati jiru.


