Ayyaanni Guyyaa Manguddota Idil adunyaa 30ffaan Kabajame.

    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Akka Idil-adunyaatti yeroo 30 ffaaf fi akka Biyya teenya Itiyoophiyaatti yeroo 29 ffaaf Guyyaa Ayyaana Manguddota Idil adunyaa dhaadannoo jedhuun marii paanaaliin kabajame.
    Guyyaa Ayyaana Manguddota Idil adunyaa 30 ffaaf kun dhaadannoo “Deebiin Si’aawaa fi Raawatamaan Manguddotaaf ” jedhuun marii paanaaliin kabajame kana irratti argamuun haawasa Baniinsaa kan taasisan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuh akka jedhanitti Manguddotni qaama Hambaa dhaabataa fi Bu’ura Utubaa Hawaasummaa waan ta’aniif jiruu fi jireenya isaanii keessatti beekumsaa fi muuxannoo ol’aanaa horatan gara dhaloota itti aananiif akka dabarsan dhalootni haaraan Manguddota jaalalaa fi kabajaan kunuunsuudhaafi niis dhageefachuu fi ajajamuufii qabaa jedhan.
    Ji’oottan jalqabaa jijjiiramaatti Dargaggootni Gaamoo Manguddota Gaamoof haala itti kabajaa fi Ajajamuu agarsiisanii fi wal-dhabdee furan akka fakeenyaatti fudhachuu qabuu jedhan.
    Obbo Ahmad itti-dabaluuniis Bulchiinsi Dirree Dhawaa haaluma kanaan duraatti fuul-duraafiis Manguddotaa akka furamaniif tattaaffii fi xiyyeefannii kan laatu taachaas eeraniiru.